Sochii gareewwan shororkeessitoota Shanee fi ABUT ittisuuf qophii ga’aa taasisaa jiraachuu Godinni Adda Saba Oromoo beeksise
Finfinnee, Hagayya 18, 2013 (FBC)- Sochii gareewwan shororkeessitoota Shanee fi ABUT ittisuuf qophii ga’aa taasisaa jiraachuu Godinni Adda Saba Oromoo beeksise
Hoggantoonni hojii mootummaa federaalaa, naannoo fi godina adda saba Oromoo milishaa adda waraanaa Baatiitti bobba’ee jiru daawwatan.
Aanoolee godina addichaa, Walloo kibbaa fi naannoo Affaar idoowwan murteessaan irratti milishaan bobba’ee daandiiwwan gareen kun seenuu danda’uu guutuumma guutuutti cufneerra jedhan.
Ministirr Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ahimaddiin Mahaammaad, hoggantoonni siyaasaa, jaarsooliin biyyaa fi qaamoleen nageenyaa garee shororkeessaa ittisuuf qophiin taasisaan kan dinqisifatamuudha jedhaniiru.
Bulchaan bulchiinsa godina adda saba Oromoo obbo Ahimaad Hasaan, diinaa uummattootaa kan ta’aan sochii gareewwan Shanee fi ABUT ittisuuf milishaan ejjennoo cimaarra jira jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.