Fana: At a Speed of Life!

Sochii daldalaa adda citee ture eegalchiisuuf Baazaariin imalaa eegalamuufi

Finfinnee, Eebla 13, 2015 (FBC) –Naannoo Tigraayitti Sochii daldalaa adda citee ture eegalchiisuuf mariin paanaalii fi Baazaariin imalaa eegalamuufi.

Baazaariin kun mata duree ‘sochii Daldalaa Tigraay nageenya naannawaaf’ jedhuun gaggeeffama jedhame.

Dhimmicha ilaalchisuun Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa, Manni Maree Daldalaa fi Ejansiin Daldalaa Naannoo Tigraay waloon ibsa laataniiru.

Nageenya eegalame sadarkaa fooyya’aatti ceesisuuf giddu gala biyyaa gara naannoo Tigraay, akkasumas naannoo Tigraay gara naannolee birootti sochiin Daldalaa akka eegalamu kaayyeeffamuu Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Tashaalee Ballihuun ibsaniiru.

Baazaarii fi Paanaalichi Magaalaa Maqalee eegaluun magaaloota naannichaa 4 keessatti kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.

Dhaabbileen Mootummaa, dhuunfaa fi dameen biroo akka irratti hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Bakka Bu’aan Mana Maree Waldaalee Damee Daldalaa Naannoo Tigraay Obbo Kaahisaay La’akaal gama isaaniin kaayyoo olaanaan Baazaarii fi Marii Paanaalichaa sochii
daldala adda citee ture yeroo fi waaraan furuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Marii fi Baazaarii kana gaggeessuuf qophiin barbaachisu hundi xumuramuu dubbataniiru.

Taarikuu Walda Sambatitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.