Fana: At a Speed of Life!

Siwiidiinii fi Fiinlaandii NATO’tti yoo makaman Raashiyaa hinyaaddessu-Vilaadmiir Putiin

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC) – Siwiidiinii fi Fiinlaandi Dhaabbata Waadaa Waraanaa Atilaantik Kaabaatti (NATO) yoo makaman Raashiyaa wanti yaaddessuun tokkollee hinjiru jechuun Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin ibsan.

Putiin kana kan jedhan Moskootti kan argamu marii dureewwan miseensota Dhaabbataa Waliigaltee Tika Waloorratti ta’uu ibsameera.

Haa ta’u malee, bu’uuraalee misoomaa loltummaa naannawichaa xiyyeeffannaa addaan yoo cimsee fi Raashiyaaf yaaddoo yoo ta’e deebii akka kennan akeekkachisaniiru.

Duraan Ittaanaan Ministira Dhimma Alaa Sergeey Riyaabkoov fi dippilomaatonni biyyattii hedduun, Fiinlaandii fi Siwiizarlaandi NATO’tti makamuuf gaaffiin dhiyeessan balaa ulfaataa akka hordofsiisuu fi akka hinsimanne akeekkachisanii turuun ni yaadatama.

Guyyaa har’aa Ameerikaan biyyoonni kunneen NATO’tti akka makaman mana maree bakka bu’ootaa ummaataa isheen sagalee mormii Rippaabilkaanotaa 18 fi sagalee caalmaan deeggaruu The Hill wabeeffachuun CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.