Fana: At a Speed of Life!

Sirreeffamni hirphaa boba’aarratti taasifamu haala dhiibbaa diinagdee fi hawaasummaa hin uumneen ta’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) – Sirreeffamni hirpha boba’aarratti taasifamu haala dhiibbaa diinagdee fi hawaasummaa hin uumneen kan taasifamu ta’uu Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii ibse.

Hirphi mootummaan gatii boba’aarratti taasisu Ityoophiyaan idaa Birrii biiliyoona 132’f saaxiluu ibsameera.

Gatii boba’aan ittiin bitamee biyya keessa galuu fi erga biyya keessa galeen booda ittiin gurguramu kan wal hin madaalle ta’uu abbaa taayitichaatti Daayrektarri Qorannoo fi Qo’annoo Sadarkaa Bittaa Bu’aalee Boba’aa obbo Laggasaa Tulluun ibsaniiru.

Kunis Ityoophiyaan idaa Birrii biiliyoonaa dhibba 132’f kan saaxilee fi boba’aa sharafaa olaanaan bitamu bifa kontirobaandiin gara alaatti akka ba’u taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Guutummaatti hafuu baatus Muddee 01, 2014 irraa eegalee sirreeffaama taasifameen sochiin kontirobaandii %70 dhaabuun danda’amuu kaasaniiru.

Gatii gabaa addunyaa bu’uureffachuun mootummaan sirreeffama gatii ni taasisa jechuun qaamolee boba’aa dhoksuun hanqinni akka mudatu taasisanirrattis tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu himaniiru.

Gabaa boba’aa biyya gatii kaffalchiisaa jiru walfakkaata taasisuuf, mootummaan Sirreeffama raabsaa bittaa fi gurgurtaa boba’aa taasisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Sirreeffamni gatiis rakkoo fuulduratti dhufuu danda’u tilmaamuun haala hawaasummaa fi dinagdee hinjeeqneen gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Garaagarummaa sirreeffamichaa si’a tokkotti ummata irratti fe’uu utuu hintaane dhiibbaa mudatuu tilmaamuun hanga wagga tokkoottii hojiirra kan oolu ta’uu hubachiisaniiru.

Dhaabbilee fi namoota dhuunfaa tajaajila geejibaa ummataa kennaniif hirphi taasifamu kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Dhaabbileen geejjibaa fayyadamtoota hirpha kanaa ta’an hanga baatii jahaatti daballii gatii kan hin taasisne ta’uu fi adeemsaan fooyya’iinsa taariifaa %10-20  akka fudhatan ni taasifama jedhameera.

Bara baajataa 2014 qofaatti bittaa boba’aaf Doolaarri biiliyoonni 2.8 baasii ta’uu fi gatiin boba’aa idil addunyaa haala kanaan yoo itti fufe bara baajataa 2015tti bittaa boba’aa waliigalaaf biyyattiin Doolaara biiliyoona 5.6 baasuu akka dandeessu ibsameera.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.