Sirni walharkaa fuudhinsa tiraaktarootaa fi Qonnaan bultootaa fi dargaggootaa gurmaa’aniif dabarsuu taasiifameera
Finfinnee, Muddee 10, 2014 (FBC) – Sirni wal harkaa fuudhiinsa tiraaktarootaa dhaabbata intarpiraayizii sanyii filatamaa Oromiyaa fi dhaabbata keenya oomisha maashinoota qonnaa fi daldala walii galaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’e jidduutti taasifameera.
Dhaabbanni keenyaa oomisha maashinoota qonnaa fi daldala walii galaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’e guyyaa har’aa Tiraaktaroota humna fardaa garaa garaa qaban qonnaan bultootaaf 50,dargaggoota gurmaa’aniif 50 fi dhaabbata intarpiraayizii sanyii filatamaa Oromiyaatiif immoo 80 walumaagalatti tiraaktaroota 180 meeshaalee harkifannoo isaanii waliin jechuun meeshaalee tiraaktaroota kanatti hidhamanii tajaajiila adda addaa kanneen akka facaasuu,haamuu fi fe’uumsa kennuu danda’an dabarsee kenneera.
Hoggannaan dhaabbatichaa obbo Furoo Baqataan dhaabbanni isaanii qonna hammayyeessuudhaan wabii midhaan nyaataa mirkanneessuuf kaayyeeffatamee kan dhaabbate yeroo tahu 2014 hanga harraatti tiraaktaroota 1737 akkasumas kombaayinaroota 80 gara biyyaatti akka galche fi kan guyyaa harraa dabalatee Tiraaktaroota 1483 fi komaabaaynaroota 78 qonnaan bultootaaf,Horsiisee bultootaaf,Dargaggoota gurmaa’aniif,dhaabbiilee barnoota ol’aanoo qonnarratti hojjetanifi gidduu galoota qorannoo qonnaaf dabrsee kennuusaa ibsaniiru.
Tibba darbee preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdisaa dhaabbiileen misoomaa Oromiyaa keessa jiran waliin akka hojjetan kallattii ka’aaniin guyyaa har’aa tiraaktaroonni dhaabbata intarpiraayizii sanyii filatamaa Oromiyaatiif dabarfamanii kennaman agarsiistuu ta’uu dubbataniiru.
Hojii dirqama hawaasummaa isaa ba’uuf Birrii miiliyoona 8 oliin mana barumsaa bu’uura boru ijaarsisaa akka jiranis himaniiru.
Hogganaan dhaabbata intarpiraayizii sanyii filatamaa Oromiyaa Dooktar Ashinee Boggaala meeshaaleen qonnaa kana dura itti fayyadamaa turre dulloomaa turan.
Kana malees meeshaalee qonnaa kiraadhaan fudhannee ittin hojjechaa ture.
Kun immoo bu’aa qabeessa hojii keenyarratti dhibbaa uumaa ture.
Kanaaf meeshaalee hammayyaa dhaabbata keenyaa irraa fudhannu kaayyoo dhaabbata keenya haala gaariitiin akka milkeessinuuf faayidaa guddaa qabaa jedhaniiru.
Sirna wal harkaa fudhiinsa tiraakataroota dhaabbata intarpiraayizii sanyii filatamaa Oromiyaa,qonnaan bultootaa fi dargaggoota gurmaa’ani fi dhaabbata keenyaa jiddutti taasifamaa jiru irratti itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii,sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti Qindeessaan horataalee mootummaa naannoo Oromiyaa Dooktar Girmaa Amantee fi hoggantoonni biroo argamaniiru.
Daagmaawii Deeksisaatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.