Fana: At a Speed of Life!

Sirni simannaa diyaaspooraa gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC)- Ityoophiyaanota, dhalattoota Ityoophiyaa fi michuuwwan ishee gara biyyaa dhufaniif sirni simannaa Addabaabaayii Michummaatti gaggeeffameera.

Sirna simannaa kanarratti Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin, kantiibaa magaalaa Finfinnee Aagge Adaanech Abeebee fi hoggantoonni olaanoo hojii mootummaa argamaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee Diyaaspooraa biyyoota Alaa irraa dhufaniin baga nagaan gara biyya dhaloota keessanii nagaan dhuftan jedhaniiru.

Miseensonni Diyaaspooraa biyyoota alaa garaagaraa jiraatan dhugaa Ityoophiyaa dhaadannoo #No More jedhuun Addunyaatti ibsuu isaaniif Aadde Adaanach galateeffataniiru.

Humnoonni Jijjiirama Itiyoophiyaa hin barbaanne biyyi akka diigamtuuf tattaaffii jabaa keessaaf alaan taasisaniyyuu hin milkoofne jedhaniiru aadde Adaanach.

Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa Qabsoo ijibaachisaa gaggeesseen Biyya diigumsa irraa baraaruu ibsaniiru.

Lammiileen Itiyoophiyaa keessaa fi Alaan Irree gamtoomeen Ityoophiyaanummaan maal akka fakkaatu diinaafis firaafis agarsiisaniiru kanaaf galata qabduu jedhaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.