Fana: At a Speed of Life!

Sirni sagantaa deebiisanii dhaabuu dhaabbilee hawaasummaa sababa waraanaan miidhamani gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Sirni sagantaa deebiisanii dhaabuu dhaabbilee hawaasummaa sababa waraanaan miidhamani gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Sirni sagantaa jalqabsiisuu magaaloota kallatti bahaa jiran torba keessatti, dhaabbilee hawaasummaa sababa waraanaan miidhaman deebiisanii dhaabuuf Magaalaa Kamiiseetti eegaleera.

Saganta baatiwwan afuriif turu kanatti, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa sadeet, buufataalee fayyaa sadii fi giddugaloota kenninsa tajaajila foddaa tokko torba akka ijaaraman ogeessi Olaanaa Seeftineeti Magaalaa Naannoo Amaaraa obbo Zawduu Moonyinnat TOItti himaniru.

Ijaarsa deebiisanii dhaabuuf baasii Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 50 gaafatu kana Baankiin Addunyaa akka ramaduus himaniru.

Magaaloota Dassee, Kamiisee, Komboolchaa, Shawaa Roobii, Waldiyaa, Laaliibalaa fi Saqooxaatti, ijaarsi deebiisanii dhaabuu kun kan raawwatamu ta’uus himaniru.

Sirna sagantaa jalqabsiisuu kanaan Magaalaa Kamiiseetti dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.

Sirna kanarratti Ministirri Ministeera Magaalaa fi Misooma Bu’uuraa Aadde Caaltuu Saanii dabalate aanga’oonni federalaa, naannoo, qooda fudhattoota, Abbootiin Amantaa, Abbooti Gadaafi jaarsooliin biyyaa argamaniru.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.