Fana: At a Speed of Life!

Sirni Odeeffannoofi gabaasni yeroo muddamaa ofeeggannoon hoogganamuu akka qabu yaadachiifame

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Dhaabbileen miidiyaafi kominikeeshinii Sirni Odeeffannoofi gabaasni yeroo muddamaa haala faayidaa biyyaalessaa hubannoo keessan galcheeniifi ofeeggannoon hoogganamuu akka qabu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa yaadachiise.

Yaa’iin damee miidiyaa federaalaafi naannolee guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumurameera.

Yaa’ichi raawwii hojii bara baajataa 2014fi karoora bara 2015 tajaajila kominikeeshinii mootummaafi dameelee kominikeeshinii naannoleerratti mari’ateera.

Dhaabbileen kominikeeshinii naannolee odeeffannoowwan mootummaa federaalaan ibsaman haala itti ibsan irratti hojimaanni  diriirfamuu akka qabu eerameera.

Gurmaa’iinsi kominikeeshinii naannolee odeeffannoowwan hin qindoofneefi wal hin dubbifne dabarsuurraa akka of qusataniifi carraan miidiyaaleen eeyyamni hin laatamneef taateewwan mootummaa irratti hirmaatan sirraa’uu qaba jedhameera.

Keesumaa biyyi wayita muddama keessa seentutti dameen miidiyaafi kominikeeshinii yaa’iinsa odeeffannoo irratti of eeggannoo taasisuu akka qabu yaadachiisuu TOI gabaaseera.

Faayidaa uummataafi biyyaaf jecha dameen miidiyaafi kominikeeshinii akka cimuuf xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu ibsaniiru.

Sirna kominikeeshinii cimaa ijaaruu kan dandeessisu qophiin  imaammataafi tarsiimoo kominikeeshinii xumuramaa jiraachuu eeraniiru.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaan gamasaaniin, mirgi odeeffannoo argachuu uummataa daanga’uu waan hin qabneef dhaabbileen yeroo yeroon miidiyaaleef odeeffannoo kennuu qabu jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.