Fana: At a Speed of Life!

Sirni kenniinsa liqaa haala qabatamaa biyyatti yaada keessa galchuun sirreeffamni taasifameera

Finfinnee, Sadaasa 3, 2014 (FBC)- Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa rakkoo waggoota darban isa mudate keessa bahun jijjiirama fidaa jiraachuu Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen ibsaniiru.

Baankiichis adeemsa jijjiiramaarra jiraachuu kan ibsame, gabaasa raawwii kurmaanaa 1ffaa bara 2014 taasifame irratti ta’u eerameera.

Marii taasifameerrattis baankiichi bu’aa argachaa akka jiru, liiqaan baankiichaa irra jirus hir’achaa jiraachuu akkasumas raawwiin waliigaalan baankichaa haala gaariirra jiraachuu ifoomera.

Obbo Ahimad Shidee, baankichi hojiilee hojjechaa jiru itti fufsisuunii fi  dhaabbatichi madda maallaqa dhaabbataa akka qabatu taasisu, liqaa hir’isaa deemu, too’annoo proojektii cimsuu fi bu’aa argachaa jiru itti fufsisuuf maddaa faayinaansii haaraa dhiyeessuun akka qabus hubachiisan.

Baankichi dameewwan isaa yeroo banus karaa seera-qabeessan ta’u qaba jechuun ibsuu ragaan Ministeera Maallaqaa argame ni muul’dhisa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.