Sirni kabajaa Guyyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Nagaan xumuramuu Humni Waloo beeksise
Finfinnee, Onkololeessa 15, 2016 (FBC)-Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti Sirni Kabajaa Guyyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa 116’ffaan nagaan xumuramuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa beeksise.
Sirna kabaja guyyichaan walqabatees daandileen konkolaattotaaf cufaa turan banamuun sochiin idileen gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.
Guyyichi mata duree “Raayyaa Ittisaa Injifataa Qormaata Hunda Keessatti Cimu!” jedhuun bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti sirnoota garaagaraan kabajameera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.