Fana: At a Speed of Life!

Sirni kabaja guyyaa dhaloota Birgaader Jeneraal Taaddasaa Birruu Waggaa 100’ffaan Magaalaa Finfinneetti gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2015(FBC)- Sirni kabaja guyyaa dhaloota Birgaader Jeneraal Taaddasaa Birruu Waggaa 100’ffaan Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Sirni kabaja guyyaa dhaloota waggaa 100ffa birgaader jeneraal Taaddasaa Birruu fi kitaabni “Dannaanee hanga Finfinnee” jedhu kan seenaa jeneraalichaarratti xiyyeeffatu magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaayilaayitiitti guyyaa har’aa eebbifameera.

Kitaabni seenaa birgaader Jeneraal Taaddasaa Birruu ibsu kun Zufaan Urgaan kan barraa’e yoo ta’u, seenaa mana hidhaa Somaaliyaa Moqaadishoo keessatti jeneraalichi dabarsan kan of keessaa qabuudha jedhame.

Birgaader Jeneraal Taaddasaa Birruu Oromoofi Oromiyaaf qofa osoo hin ta’iin dhalli namaa marti akka baratuu fi namni barate mirga isaa akka gaafatuuf galaa guddaa kaa’anii kan darban ta’uus sirna yaadannoo guyyaa dhalootaafi eebba kitaaba seenaa isaanirratti ibsameera.

Akkasumas Waldaa Maccaaf Tuulama keessatti qooda guddaa bahachuun isaanii eerameera.

Sirnicharratti pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee, Hoggantoonni mootummaa olaanoon ,  Abbootiin Gadaa , barreessitoonii fi namoonni bebbeekkamoon argamaniiru.

Mulugeetaa Girmaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.