Fana: At a Speed of Life!

Sirni Kaadhimamtoota komishinaroota koomishinii marii biyyaalessaa itti dhiyaatu diriire

Finfinnee, Muddee 25, 2014 (FBC)- Sirni Kaadhimamtoota komishinaroota koomishinii marii biyyaalessaa itti dhiyaatu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti diriirfamuu Af Yaa’iin mana marichaa obbo Taaggasaa Caafoo ibsan.

Haaluma kanaan koreen eeruu komishinarootaa fudhatuu fi qindeessu hundaa’uu himaniiru.

Korechi eeruu kimishinara kaadhimamtootaa fudhachuurraa kaasee hanga mana marichaatti dhiyaatanii muudamanitti hojiiwwan garaagaraa kan raawwatu ta’uu eeraniiru.

Korichatti walitti qabaan waajjirichaa Dooktar Heenok Siyyumii fi miseensonni biroo lama itti dabalamuu ibsaniiru.

Fudhannaa eeruu kana hirmaachisaa, iftoomina qabeessa, amanamaa fi loogiirraa bilisa taasisuuf koreen gorsituu hundaa’uu kaasaniiru.

Gareen gorsituu kun obbo Taaggasaan kan durfamu yoo ta’u Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii, Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa, bakka buutonni Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa fi waldaalee qindooma siiviilii miseensummaan itti makamuu ibsaniiru.

Garichi hojii fi itti gaafatamummaan garaagaraa kan itti laatame ta’uu ibsuun Kaadhimamtoota dhiyaatan keessaa ulaagaalee labsichaan ibsaman sadarkaa olaanaan kan guutan adda baasuuf Af Yaa’iicha mariisisuun isa olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Sirni eeruu kennuu fi unki eeruun itti kennamu osoo hin ifoomiin eeruuwwan dhiyaachaa jiraachuu obbo Taaggasaan himaniiru.

Eeruuwwan kunneenis fudhatamummaa kan hin qabne ta’uu yaadachiisuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.