Fana: At a Speed of Life!

Sirni Irreeffannaa Hora Arsadee eegaleera

Finfinnee, Fulbaana 27, 2016 (FBC)- Erga Abbaan Malkaa eebbisee, Eebba Abbootii Gadaan itti fufuun sirni Irreeffannaa saaqameera.

Irreecha Hora Arsadee Bishooftuutti har’a kabajamaa jirurratti hawaasni kumaa-kitilatti lakkaa’amu hirmaachaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa sirni irreeffannaa gaggeeffamaa jira.

Hirmaattooni ayyaanichaa karaa duudhaa Irreechaa eeggateen, jaalalaan, nagaan, tokkummaadhaan, safuu fi kabajaan bobba’uun irreeffachaa jira.

Hawaasni uffaannaa aadaan miidhagee heddumminaan hirmaachuun Ayyaana Irreechaaf miidhagina addaa kenneera.

Irreechi Hora Finfinnees bifa walfakkaatuun guyyaa kaleessaa milka’inaa fi nagaan xumuramuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.