Fana: At a Speed of Life!

Hidhaan Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa ifatti anniisaa elektirikaa maddisiisuu eegale

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa ifatti hojii anniisaa maddisiisuu eegalchiisaniiru.

Jilli Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu Proojeekti Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa Jalqabbii anniisaa Elektirikaa maddisiisuu erga eegalchiisani booda keessa naanna’uun hojii ijaarsa waliigalaa daawwateera.

Ijaarsi hidhachaa % 80 ol kan ga’e yoo ta’uu, Baatii Adooleessa bara 2012 marsaa jalqabaan Bishaan Meetir Kiyuubiin biiliyoonni 4.5 guuttameera.

Marsaa 2ffaan Baatii Hagayyaa bara 2013 Bishaan meetir Kiyuubiin Biiliyoonni 13 guuttamuu danda’eera jedhame.

Dhaabbiin tarbaayinoota 2 milkiin erga xumuramee booda yaalii anniisaa maddisiisuu eegaleera.

Ijaarsi hidhichaa wayita eegalamu Birrii biiliyoona 80 fixa jedhamus hanga ammaatti Birriin biiliyoonni 100 baasii itti ta’uu ibsameera.

Hidhichi dhaabbii meetira 145 kan qabu yoo ta’u, meetira kuma 1 fi 780 bal’ata jedhame.

Bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 74 qabachuu danda’a.

Bishaanichi Lafa kiiloo meetira 246 irra kan ciisu ta’uu eerameera.

Ijaarsi hidhichaa wayita guutumaa guutuutti xumurame humna ibsa Meegaa Waatii kuma 6 fi 450 maddisiisuu danda’a jedhameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.