Fana: At a Speed of Life!

Sirni hundeeffama mootummaa nagaan xumuramuu humni qindoomaa nageenyaa beeksiise

Finfinnee, Fulbaana 25, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan gara boqonnaa haaraatti kan itti ceetu Sirni hundeeffama mootummaa nagaan xumuramuu humni qindoomaa nageenyaa beeksiiseera.
Sirni hundeeffama mootummaa addabaabayii Masqalaatti gaggeeffame hirmaannaa fi namuusa jiraattoonni magaalaa Finfinnee agarsiisan humnichi galateeffateera.
Fulbaanni 24, 2014 guyyaa Ityoophiyaan mootummaa haaraa, abdii haaraan boqonnaa haaraa itti eegalte ta’uun ibseera.
Poolisiin Federaalaa, Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya biyyaalessaa, Raayyaan Ittisaa qaamolee nageenyaa biroo waliin karoora baafachuun hawaasa waliin hojiin hojjetan bu’aa argamsiisuu humnichi ibsa isaan eereera.
Sagantichi jalqabee hanga xumuramutti qaamolee nageenyaa namuusa ogummaan fi itti gaafatamummaan jiraattoota waliin ergama isaanii ga’umsaan ba’an hunda galeeffateera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.