Fana: At a Speed of Life!

Sirni hordoffii fi to’annoo ijaarsa sirnaa fi dagaagina dimokiraasii mirkaneessa-Afyaa’ii Caffee

Finfinnee, Mudde 30, 2016 (FBC)- Sirni walhordofuu fi to’achuu ijaarsa sirnaa fi dagaagina dimokiraasii akka mirkaneessu Afyaa’iin Caffee Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan ibsan.

Koreewwan Dhaabbii Caffee, hordoffii fi to’annoon Godinaalee Baalee, Gujii fi Jimmaa, akkasumas, Magaalota Shaggar, Shaashamannee, Baatuu, Roobeefi Shaakkisootti tibbana taasisan gamaaggamameera.

Gamaaggamichaan sosochii hojiilee misoomaa magaalaafi baadiyyaatti jalqabame itti fufsiisuuf raawwiin jiru gaarii ta’us, itti quufiinsa ummataafi galmoota qabamanii hojjetamaa jiruun yoo madaalamu hordoffii fi deeggarsa taasisuun tajaajila si’ataa, haqa qabeessaa fi ammayyaawaa kennuu gaafata jedhan.

Diinagdee Gooroo Naannoo Oromiyaa utubuu fi jabeessuuf inisheetiiviiwwan garaagaraa bocamanii hojjetamaa jiran jijjiirama qabatamaa argamsiisaa jiraachuus eeraniiru.

Carraawwan misoomaa jiru hunda fayyadamuun galmoota karoora xiiqii hirmaannaa ummataan dabaallee milkeessuu qabnas jedhan.

Kenni tajaajila haqaa fi qindoominni qaamolee haqaa gidduu jiru, dhaloota dorgomaa ijaaruuf jalqabbii tiraansifoormeeshinii barnootaa qabatamaa taasisuuf sosochii eegalame cimee itti fufuu akka qabu akeekaniiru.

Inisheetiiviiwwan hoogganuu, galii mootummaa guddisuu, humnoota waloo sochoosuu fi badhaadhina maatii mirkaneessuun jiruufi jireenya ummata magaalaa fi baadiyyaatti fooyyessuuf, yeroo hafe keessatti xiyyeeffannoon hojjetamu akka qabuu hordoffii fi to’annoo gaggeffamaerraa hubachuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.