Fana: At a Speed of Life!

Sirni galii walitti qabuu misoomaa aanaa Ammayyaa gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2013 (FBC)- Sirni galii walitti qabuu misoomaa aanaa Ammayyaa gaggeeffameera.

Sirnicharratti Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Fedaraalaa Dooktar Injinar Habtaamuu Tagany, Ajajaa Humna Qilleensaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Mejer Jenaraal Yilmaa Mardaasaa fi hoggantoonni mootummaa olaanoo biroon argamaniiru.

Saganticharratti obbo Shimallis Abdiisaan haasaa taasisaaniin, Misoomni mootummaa qofaan milkaa’u hin jiru; Humni misoomaa bakka bu’iinsa hin qabne humna uummataati jedhaniiru.

Kana Uummata Aanaa Ammayyaatiin argineerraa kanaanis nu boonsitanii jirtu jedhan.

Kanaafiis waan hojjechuu qabnuu Fulbaana dhufuurraa eegalee Daandii Amboo -Walisoo dizaayiin isaa hojjetamee caalbaasiif ni dhiyaata kan jedhan.

Qabeenya Aanaa Ammayyaa, Dirree Incinnii, Shanan fi kanneen biroo jiru haalaan itti fayyadamuuf bu’uuraaleen misoomaa murteessaadha ta’u  himaniiru.

Tiraaktara, aanaalee fi Godinaalee biraatti arginu, aanaa Ammayyaa fi Godian Shawaa Kibba Lixaa keessatti muullachuu qaba; qonnaan bulaa keenya kanatti galchuu qabnas jedhan.

Sirna kanarratti Ajajaan Humna qillensaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Mejer Janaraal Yilmaa Mardaasaa aanaan Ammayyaa aanaan ittii dhaladhee itti baradhee sirriitti beekuudha; Qabeenyaa uummamaa qabduu waliin hin guddanne, Amma bakka gahuu qabduu hin geenye jedhan.

Guddina Aanichaaf qaamolee tumsan galateeffachuun qaamnii sadii yoo qindaa’e rakkoon misoomaa jiru hundi ni fooyya’a jedhaniiru.

Inni duraa Mootummaadha, Inni 2ffaa Abbaa qabeenyaatii, inni 3ffaan Uummata ta’uu eeran.

Ammayya ni jijjiirra Hidha haaroomsaa Ityoophiyaa ni guutama.

Akka gabaasa OBNtti Abbaan Taayitaa Daandiwwan Federaalaa Dooktar Injiinar Habtaamuu Tagany gaaffiin daandii hawaasni aanichaa kaasu deebii ni argataa jedhan.

Saganticharratti jiraattoonni aanichaa hoggantoota sirnicharratti argamaniif kennaa garagaraa laataniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.