Fana: At a Speed of Life!

Sirni gaggeessaa reeffa Dooktara Kabajaa Artist Alii Birraa magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 29,2015 (FBC)- Sirni gaggeessaa reeffa Dooktara Kabajaa Artist Alii Birraa magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa jira

Reeffa Dooktara Kabajaa Artist Alii Birraaf har’a waaree dura magaalaa Finfinnee Addabaabaayii Michummaa bakka maatiin, hoggantoonni mootummaa olaanooniifi dinqisiifattoonni isaa argamanitti gaggeessaan gootaa erga taasifameefiin booda gara magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffameera.

Yeroo ammaa kana ammoo magaalaa Dirree Dawaatti sirni gaggeessaa reeffa isaa gaggeeffamaa jira.

Sirnicharratti firaafi maatiin, hoggantoonni mootummaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaafi federaalaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaafi dinqisiifattoonni argamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.