Fana: At a Speed of Life!

Sirni gaggeessaa reeffa Artist Alii Birraa  Buufata Xiyyaaraa Idi Addunyaa Booleerraa gara Addabaabaayii Michummaatti gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 29,2015 (FBC)- Reeffi Artist Alii Birraa magaalaa Finfinnee Buufata Xiyyaaraa Idi Addunyaa Booleerraa gara Addabaabaayii Michummaatti gaggeeffameera.

Reeffi Artist Alii Birraa ganama kana Mana jireenyasaa magaalaa Bishooftuurraa gara buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti gaggeeffamuun isaa kan beekamudha.

Yeroo ammaa kana immoo buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleerraa gara Addabaabaayii michummaatti gaggeeffameera.

Artist Alii Birraan Hospitaala Jeneraala Adaamaatti yaalamaa turee dheengadda umrii waggaa 75’tti du’aan boqochuun isaa kan yaadatamudha.

Addabaabaayii Michummaatti sa’aatii 3:00 irraa eegalee reeffa isaaf gaggeessaan kabajaafi gootaa erga taasifameefiin booda gara magaalaa Dirree Dawaatti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.