Fana: At a Speed of Life!

Sirni gaggeessa waancaa Hidha haaromsaa taasiifame

Finfinnee, Amajjii 27, 2013 (FBC) – Waancaan Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa turtii isaa Finfinnee xumuruun  gara Dirree Dawaatti gaggeeffame.
Saganticharratti itti aantuun Kaantibaa magalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee,Daayreektarri olaanaan qindeessaa hirmaannaa ummataa Waajjirra Mana Maree Biyyaaleessaa Hidha Haaromsaa Dooktar Aragaawii Barihee fi hoggantoonni olaanoon federaalaa bulchiinsa magaalichaa argamaniiru.
Geebichi kutaalee magaalaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee hunda keessa baatii 14f naanna’uun galiin walitti qabamaa tureera.
Turtii kanaanis birriin biiliyoonni 2 ol kennaa fi Boondiin walitti qabamuu ragaan waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

Magaalichatti hanga ammaatti waliigala birrii biiliyoonni 3 ol walitti qabamuu ibsameera.

Itti aantuun Kaantibaa magalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee jiraattoota magaalichaa deeggarsa taasiisan hunda galateeffataniiru.

Qaamolee hirmaannaa olaanaa taasiisaniif beekkamtiin laatameera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.