Fana: At a Speed of Life!

Sirni Damaraa fi Irreechi Hora Finfinnee duudhaa isaanii eeggatanii akka kabajaman qophiin taasifameera-BBNMF

Finfinnee, Fulbaana 6, 2017 (FBC)- Sirnoonni Damaraa Masqalaa fi Irreechi Hora Finfinnee duudhaa isaa eeggatee nagaan akka kabajamu qophiin taasifamuu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee ibse.

Sirna kabaja ayyaanoota magaalattiitti gaggeeffamanii ilaalchisuun biirichi caasaalee nageenyaa fi danbii kabachiisan waliin mari’ateera.

Hoggantuun Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaan waltajjicharratti akka jedhanitti sirni damaraa Masaqalaa fi Irreechi Hora Finfinnee nagaan akka kabajamuuf qophiin gahaan taasifameera.

Caasaaleen nageenyaa fi danbii kabachiisan ayyaanonni kunneen walooma ummattootaa karaa cimsuun akka kabajamu itti gaafatama isaanii bahachuu qabu jedhaniiru.

Ayyaanonni amantaa fi aadaa walooma ummataa fi madda tumsaa ta’uu dubbataniiru.

Sirni Damaraa Masqalaa fi Irreechi duudhaa amantaa fi aadaa eeganii nagaan akka kabajaman jiraattonni magaalichaa qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban akkeekaniiru.

Kabaja ayyaanotarratti hawaasni magaalattii tumsa barame taasisuu cimsee akka ittifufu dhaamuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.