Fana: At a Speed of Life!

Sirni dabarsa baallii Oromoo Gujii 75ffaan gaggeeffame

Finfinnee, Guraandhala 13, 2016 (FBC) – Me’ee Bokkotti lallabarra kan ture sirni dabarsa baallii Oromo Gujii 75ffaan har’a gadaa Harmuufaarra gara gadaa Roobaleetti darbeera.

Abbootiin Gadaa Ardaa jilaa Me’ee Bokkootti seera Lallaba Nageenyaa fi Araaraa, Aadaa, Yuubaa fi Hayyuu, Sodaa, Fuudhaa fi Heerumaa, Lafaa, Lagaa, Malkaa fi Karaa, Mukaa, uffataa fi qaama namaa, Buusaa fi Wodoo, Dhukkubaa fi Balaa lallabaa turaniiru.

Har’a ganama ammoo Abbaan Gadaa Jiloo Mandhoon aangoo isaanii Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugootti dabarsaniiru.

Hawwii Fiqaaduutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.