Fana: At a Speed of Life!

Sirni cufiinsa kabaja guyyaa hundeeffama Humna Qilleensa Itiyoophiyaa har’a ni gaggeeffama

Finfinnee, Mudde 6, 2016 (FBC) – Sagantaalee garaagaraa kabajamaa kan ture sirni cufiinsa guyyaa hundeeffama Humna Qilleensa Itiyoophiyaa waggaa 88ffaa har’a ni gaggeeffama.

Ayyaanichi sadasaa 20, 2016 eegalee sagantaalee garaagaraan kabajamaa tureera.

Saganticharratti hojiileen humna qilleensichaan hojjetaman daawwatamaniiru.

Fooramii Qondaaltoota humna qilleensaa Afrikaa dabalatee waltajjiiwwan garaagaraa gaggeeffamaniiru.

Guyyaa hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 88ffaa har’a kabajamurratti argisiisni Humna Qilleensaa moggaasa “Xiqur Ambassaa” jedhuun balaliistonni humna Qilleensaa Itiyoophiyaa balaliistota Humna Qilleensaa Gamtaa Emereetota Arabaa waliiin ta’uun akka dhiyeessan eegama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.