Sirni carraa baasuu herrega qusannaa qonnaan bultootaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa gaggeefame
Finfinnee, Fulbaana 25, 2014 (FBC)- Sirni carraa baasuu herrega qusannaa qonnaan bultootaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa gaggeefameera.
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa hubannoo qusannoo uumuu fi qusannaa keesaatti hirmaachisuuf carra qusanna herrega qusannaa qonnan bultootaa baatii Amajjii keessaa eegalchiisuu kan yaadachiisan preezdaantii Baankichaa obbo Darribee Asfaawu, sagantaa kanaan maamiltoota kuma dhibba 1 ol horateera jedhan.
Qonnaan bultoota sirna fayinaansii ammayyaa’aarra fayyadamtoota akka ta’aniif onnachiistuu kan ta’u carraa lootorii kana akka qopheesse himaniiru.
Qonnan bultoota diinagdee baadiyyaarraa fayyadamtoota akka ta’aniif, galtee fi teeknooloojii qonnaatti dhimma akka itti ba’aniif baankichi gumaacha isaa bahachaa jiras jedhaniiru.
Ga’umsa itti faayyadama faayinansii qonnan bultootaa fi horsiisee bultootaa cimsuuf ni hojjeta jechuun eeraniiru.
Sirni carraa baasuu herrega qusannaa qonnaan bultootaa galma lootorii biyyaalessaatti geggeeffameera.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.