Fana: At a Speed of Life!

Sirni beekkamtii laachuu qonnaan bultootaa,horsiisee bultootaa fi qooda fudhattootaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 25, 2013 (FBC) – Sirni beekamtii qonnaan bultootaa, Horsiisee bultoolaa fi qooda fudhattootaa naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.
Sirnicharratti sadarkaa Gandaattii qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootnii 357, qooda fuudhatootnni 29 , daldaltootnii omishaalee qonnaa fi bu’aalee loonii gara biyya alaatti ergan 12, sadarkaa aanaatti kilaastaraan omiishuun kanneen moodeela ta’an 12, anaaleen miisooma jalliisiin milkaa’an 21 beekkatii fi badhaasa argataniiru.
Akkasumas aanaaleen misooma beeyladaan milkaa’an 21 , aanaaleen misooma qabeenya uumamaan milkaa’an 21, aanaaleen misooma bunaatiin moodela ta’an 17, aanaaleen hojii wabii nyaataan milkaa’in 11, aanaaleen qonnaa fi qabeenya uumamaan adda duree ta’an 21, magaloonni hojii qonnaan milkaa’an 3 ,godinaaleen 18 badhaafatamiiru.
Dabalataan hayyoonni fi qorattoonni ce’umsa qonnaaf gummaacha olaanaa taasisan 52 fi dhaabileen waggootan lamaan darban keessatti damee qonnaaf gumaacha taasiisan beekkamtii kana ni argachuu ibsameera.
Walii galan sagantichaan akka naannootti namoonni 607f guyyaa har’aa beekkamtii fi badhaasaa argataniiru.
Muluu Waaqshumeetu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.