Fana: At a Speed of Life!

Sirni barnootaa haaraan bara dhufu kutaa 9ffaa – 12ffaatti guutummaatti hojiirra oola jedhame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2015 (FBC) – Sirni barnootaa haaraan bara dhufu kutaa 9ffaa – 12ffaatti guutummaatti hojiirra kan oolu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Yaa’iin barnootaa biyyaalessaa 31ffaan har’a Yuunivarsiitii Hawaasaatti eegalame.

Waggoottan shanan itti aanaan rakkoolee qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiileen dandeessisan hojjetamuu Ministir Deetaan Damee barnoota olaanoo Dookta Saamu’eel Kifleen dubbataniiru.

Dhaabbileen barnootaa olaanoon barattoota barnoota isaanii xumuraniif qormaata teeknooloojiin deeggarame baasuun qoruu bara kanaa eegalee kan jalqaban ta’uu eeraniiru.

Qulqullina barnootaa fooyyessuuf sirni barnootaa haaraan qophaa’uu Ministeera Barnootaatti Ministir Deetaan Damee barnoota waliigalaa Dooktar Faantaa Maandafiroon himaniiru.

Sirni barnootaa haaraan kutaa 1ffaa – 8ffaatti akka yaaliitti eegalame bara kana guutummaatti hojiitti kan hiikkamu ta’uu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.