Fana: At a Speed of Life!

Sirni Baniinsaa Yaa’ii idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 23, 2017 (FMC) – Sirni Baniinsaa Yaa’ii idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi mata duree “Waadaa hanga Aadeffannaatti” jedhuun Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Sirnicharratti Pireezidaantiin Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Itti Aantoonni Pireezidaantii Paartichaa fi Hoggaantoonni Olaanoo biroon argamaniiru.

Akkasumas hoggantoonni olaanoo paartiilee obbolaa biyyoota ollaa fi paartii obbolaa biyyoota miseensa BRICS argamaniiru.

Yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaa Amajjii 23-25,2017 gaggeeffamuu kanaan murtoowwaniifi kallattiiwwan garaagaraa ni darbuun eegama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.