Sirni baniinsa sagantaa tajaajila hawaasaa; tola oltummaa biyyaalessaa gaggeeffame
Finfinnee, Gurraandhala 15, 2012 (FBC) – Sirni baniinsa sagantaa tajaajila hawaasaa; tola oltummaa biyyaalessaa gaggeeffame.
Saganticharratti muummeen ministira Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa argamaniiru.
Sirni baniinsa sagantaa tajaajila hawaasaa; tola oltummaa biyyaalessaa dargaggoonni Yuunvaarsiitiiwwan, Dhaabbilee Teekiniikaa fi Ogummaa garagaraarra eebbifaman kuma kudhan hirmataniiru.
Dooktar Abiy Ahimad sirnicharratti haasa taasisaniin tola ooltummaan jechuun ofiif osoo hin taane namoota biraaf ooluudhaa;gootummaan ofii aarsaa ta’anii warra kaan baraaruudha jedhan.
Hanga ammaatti dargaggoonni kuma 100 fi kuma 16 kan galmaa’an yoo ta’u marsaa jalqabaa kanaan dargaggoonni kuma 10 ni leenji’u jedhameera.