Sirni baniinsa Paarlaamaa fi Mana Maree Federeeshinii har’a gaggeeffama
Finfinnee, Fulbaana 28, 2016 (FBC) – Sirni baniinsa hojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Mana Maree Federeeshinii bara hojii 3ffaa waggaa 6ffaan har’a ni gaggeeffama.
Sirna baniinsa kanaarratti Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen, manneen maree lamaaniif haasawaa taasisuun kallattii hojii bara baajatichaa ni kennuun jedhamee eegama.
Sirnicharratti miseensota manneen marichaa dabalatee hawaasni dippiloomaatotaa, abbootiin amantaa, hoggantoonni paartilee siyaasaa fi keessummoonni waamichi taasifameef ni argamu jedhameera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.