Fana: At a Speed of Life!

Sirni baniinsa bara hojii manneen maree lamaanii Wiixata dhufu gaggeeffama

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC) – Sirni baniinsa bara hojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshinii Wiixata dhufu gaggeeffama.

Sirni baniisa bara hojii 4ffaa waggaa 6ffaa waloo kun Fulbaana 27, 2017 waaree booda sa’aatii 8:00 irraa jalqabee kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen waltajjii waloo kanarratti argamuun bara hojii eegalchiisuun karoora waggaa Mootummaa Federaalaa dhiyeessu jedhame.

Ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa, bakka buutonni dhaabbilee idil addunyaa, abbootiin amantaa, namoonni bebbeekkamoon, hoggantoonni Paartilee siyaasaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef waltajjii kanarratti kan hirmaatan ta’uu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.