Fana: At a Speed of Life!

Sirni badhaasaa Odaa Awaard marsaa 5ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2014 (FBC) – Sirni badhaasaa Odaa Awaard marsaa 5ffaa Hoteela Sharaatan Addiisitti gaggeeffamaa jira.

Badhaasa waggaa 5ffaa kanaan hojiilee Aartii Muuziiqaa, Filmii fi Og-barruun artiistoonni 60 ol ta’an kan qaadhimaman yoo ta’u, gullantaalee 20’n badhaasoonni qophaa’aniiru.

Gosaalee badhaasaa 20 keessaa 8 damee Muuziiqaa, 7 damee filmii fi 2 og-barruutiif dhihaataniidha.

Badhaasni Galma Umrii guutuu aartii Afaan Oromootiif badhaasni Odaa laachaa turerra, kan Afaanoota lamaa Afaan Affaarii fi Afaan Sidaamaa dabaluun, badhaasoonni Galma umrii guutuu sadii akka dhihaataniidha kan himame.

Sirna badhaasaa Odaa Awwaardi marsaa 5ffaa kanarratti Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa dabalatee hojjettoonni hojii mootummaa olaanoo, Abbootiin Gadaafi qaamoleen hawaasa garaagaraa argamaniiru.

Badhaasni Odaa dhaabbata Maltiimiidiyaa Bashaatuu Tolamaariyaam, Biiroo Aadaa fi Tuuriizmii Oromiyaa waliin tunsuun dhiheessu, 2010’tti jalqabame.

Warreen Dameewwan Aartii Afaan Oromoo garaagaraan Badhaasa Odaa Awwaardi marsaa 5ffaa injifatan: Kitaaba walaloo filatamaa-Ammarsan Tasfaayee, Kitaaba Asoosama filatamaa bara 2013-Qorichoo Shufeeraa ,Barreeffama Filmii filatamaa bara 2013-Jimaa Galataa Sinimaatoogiraafii filatamaa bara 2013 Filmii Mo’aarraa-Gammachiis Xilaahuun Gulaalaa Suur-Sagalee cimaa bara 2013 Filmii Milkiirraa-Tolaa Gingataa Taatoo dubartii cimtuu bara 2013 Filmii lafaaf lafeerraa-Abaaboo Warqinaa Taatoo dhiiraa cimaa bara 2013 – Taammiraat Kabbadaa Daayreektara cimaa Filmii bara 2013 tahuun-Jimaa Galataafi Hawwii Hayiluu/Caaltuu Eelaa Filmii filatamaa bara 2013 – Lafaaf Lafee Aartii naannoo Affaar damee garaagaraan guddisuun badhaafamaa umurii guutuu-Aartiisti Haloo Yaayyoo.
Weellistoota Haaraa filatamaa bara 2013 – Weellisaa Addunyaa Amantee, Weellistoota garee/Cimdii filatamoo bara 2013-Leenchoo fi Elemoo, Wallee ammayyaa filatamaa bara 2013 – Surraa Ibiddoodha.
Zamadkuun Misgaanwuu, Ifaa Dalasaa fi Iddoosaa Abdiitu gabaase

 

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.