Fana: At a Speed of Life!

Sirni Awwalchaa Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos raawwatame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2017 (FBC)-Itiyoophiyaatti waggoota hedduuf sochii siyaasaa keessatti hirmaannaa taasisaa kan turan sirni awwaalchaa Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos raawwatameera.

Pirofeessar Bayyanaan yeroo dheeraaf wal’aansarraa turuun Fulbaana 7, 2017 du’aan addunyaa kanarraa boqochuun ni yaadatama.

Sirni awwaalchaa isaaniis Bakka Awwaalchaa Pheexiroos Wephaawuloosiitti raawwateera.

Pirofeesa Bayyanaan Qaammee 4, 2012 Hoji Gaggeessa Olaanaa Inistitiyuutii Qorannoo Imaammataa ta’uun muudamuun tajaajilaa turuun ni yaadatama.

Itiyoophiyaatti waggoota hedduuf biyyattii keessatti hayyoota gameeyyii sochii siyaasaa keesatti hirmaachaa turan ta’uun kan beekaman Pirofeesar Bayyanaan, Dura Taa’aa Paartii Sooshaal Diimookiraasii Itiyoophiyaa, akkasumas Paartii Medirekitti Dura Taa’aa ta’uun tajaajilaniiru.

Pirofeesar bayyanaa Pheexiroos yuunivarsiitii Finfinneettis barsiisaa fi Ministeera Barnootaatti Ministir Deetaa ta’uun tajaajiluu seenaan isaanii ni mul’isa.

Taarikuu Waldasanbatitu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.