Fana: At a Speed of Life!

Sirni Awwaalchaa Yuba Aagaa Xeenxanoo Shaakkisootti raawwate

Finfinnee, Mudde 16, 2015(FBC)- Sirni awwaalcha Abbaa Gadaa duraanii Gujii Doktora Kabajaa Aagaa Xeenxanoo Magaala Shaakkisootti har’aa raawwateera.

Sirni awwaalcha isaaniirraattis Abbotiin Gadaa haadholiin siinqee aanga’oonni mootummaa federaalaa fi naannoo argamaniiru.

Sirna gaggeessaarratti Bulchaan Godina Gujii Obbo Taaddalaa Uddoo ergaa dabarsaniin, Yubni Aagaa Xeenxanoon ummanni Gujii akka beekamu taasisuu, ummataafi mootummaa gidduu nageenyi fi hariiroon gaariin akka jiraatu nama taasisan ta’uu ibsaniiru.

Komishinarri Koomishinii Nageenya Oromiyaa Obbo Ibrahim Hajii, nageenyaaf, tokkummaaf, Aadaaf, Sirna Gadaatiif hayyuu tattaafatan ta’uu eeruun, aadaa fi barnootaa nu qabsiisan bakkaan gahuu fi karaa isaan saaqan kabajnee dhalootaaf dabarsuutu malas jedhan.

Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii Obbo Taraqanyi Bulultaa gama isaaniin sirni guddaan Oromoon qabu Sirna Gadaa ta’uu himuun Yuubi kunis sirnichi deebi’ee akka dagaaguu fi mul’atu taasisuu ibsaniiru.

Gaaffiin ummataa akka deebii argatu, hariroo ummataa fi ummata gidduu akkasuma ummataa fi mootummaa gidduu nagaafi araaraaf nama ifaajaniin ta’uu raga bahaniiru.

Gadaa lallabuu fi barsiisuu qofa osoo hin taane gadaan nama jiraate ta’uu dubbataniiru.

Seenaa isaanii barsiisuu fi kunuunsuun imaanaa isaanii bara baraan akka jiraatu taasisuu barbaachisas jedhan.

Keessummoonni Naannoo sidaamaarraa argamanis Yubni Aagaa Xeenxanoon, ambaasaadara naannoo keenyaa turan jechuun du’aan boqochuu isaaniitti gaddaa isaanitti dhaga’ame ibsaniiru.

Yuuba Aagaa Xeenxanoo Muddee 13, 2015 dhukkubsatanii utuu yaalamaa jiran lubbuun darbuunkan yaadatamuudha.

Addis Taammiraatitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3fjfcxr

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.