Fana: At a Speed of Life!

Sirni awwaalchaa Weellisaa Daawwit Naggaa raawwatame

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) –Sirni Awwaalchaa Weellisaa Daawwit Naggaa (Damana) guyyaa har’aa Mana Amantaa Kiristiyaanaa Kaateediraalii Sillaaseetti raawwatameera.
Weellisaa Daawwiti Naggaa (Damana) guyyoota afuriin dura dhibee tasaa isaa mudateen Hospitaalaa Addis Hiwotittii yaallamaa turuun, Waxabajjii 5, 2014 umrii waggaa 34 isaatti addunyaa kanarraa du’aan boqoteera.
Daawwiit Naggaan abbaa daa’ima tokko ta’uu ibsameera.
Sirni Awwalchaa Weellisaa Daawwit, har’a mana Amantaa Kiristiyaanaa Kaateediraalii Sillaaseetti bakka maatiin, firoottaan, hiriyoonnii fi dinqisiifattoonni isaa argamanitti raawwatameera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.