Fana: At a Speed of Life!

Sirni Awwaalchaa qabsaa’aa sirna Appaartaayidii Deezmoondi Tuuttuu raawwate

Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Sirni Awwaalchaa qabsaa’aa sirna Appaartaayidii fi Phaaphaasii Afrikaa Kibbaa Deezmoondi Tuuttuu raawwateera.

Sirni awwaalchichaa sirna amantaa eeguun mana Amantaa Kiristiiyaanaa Keeppi Taawoon Kaateediraalii Qulqulluu Giyoorgisitti raawwateera.

Sirna awwaalchaa kanarratti dinqisiiffattoonnii fi jaalattoonni isaa hedduun argamuu TRTn gabaaseera.

Qabsaa’aan sirna Appaartaayidii fi Phaaphaasiin Afrikaa Kibbaa Deezmoondi Tuuttuun umrii waggaa 90ffaa isaanitti addunyaa kanarraa du’aan boqochuun kan yaadatamuudha.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.