Fana: At a Speed of Life!

Sirni Awwaalchaa Pirofeesar Indiriyaas Isheetee raawwate

Finfinnee, Qaammee 3, 2016 (FBC)- Sirni Awwaalchaa Pirofeesar Indiriyaas Isheetee Finfinnee Mana Amantaa Sillaasee Kaateediraalitti raawwateera.

Pirofeesar Indiriyaas Isheeteen dhibee isaan mudateen wal’aansa hordofaa turuun Hagayya 23, 2016 waggaa 79’ffaa isaaniitti du’aan addunyaa kanarraa boqochuun ni yaadatama.

Sirni gaggeessaa Reeffaas Yuuivarsitii Finifnneetti bakka maatii fi firoottaan, waahillaan hojii isaanii argamanitti gaggeeffamuu TOI gabaaseera.

Pirofeesar Indiriyaas Isheeteen bara mootummaa ce’umsaa Itiyoophiyaarraa eegalee heera mootummaa wixineessuu fi gorsuun hirmaannaa olaanaa taasisuu fi sadarakaa garaagaraatti hoggansaan tajaajiluun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.