Fana: At a Speed of Life!

Sirni awwaalchaa obbo Sintaayyoo Tolaa raawwate

Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC)- Sirni awwaalchaa Obbo Sintaayyoo Tolaa magaalaa Sabbataa Mana Amantaa Qidduus Gabreeliitti raawwatamee jira.

Hayyuun seenaa aadaa fi afaan Oromoo Obbo Sintaayyoo Tolaa dhukkuba tasaa isaan mudateen Caamsaa 8, 2014 addunyaa kana irraa du’aan boqochuun isaanii ni yaadatama.

Sirna awwaalcha isaanii irratti firoottanii fi maatii isaanii dabalatee anga’oonni mootummaa federaalaa fi naannoo argamuun sirna abaaboo kaa’uu raawwataniiru.

Obbo Sintaayyoo Tolaa magaalaa Arjootti haadha isaanii Aadde Assallafach Mangashaa abbaa isaanii Obbo Tolaa Qana’aa irraa bara 1960 kan dhalatan yoo ta’u, umrii isaanii waggaa 54 tti addunyaa kana irraa du’aan boqochuu isaanii seenaa jireenya isaanii irraa hubachuun danda’ameera.

Obbo Sintaayyoo Tolaa barnoota isaaniin sadarkaa garaagaraatti kan eebbifaman yoo ta’u, biyyoota alaa adda addaa deemuun aadaa, seenaa fi Afaan Oromoo ardiitti beeksisaa kan turanidha.

Obbo Sintaayyoon Seenaan Oromoo karaa uummaticha madaaluun akka darbuuf sochii isaan taasisaa turaniinis saba isaanii biratti yoomiyyuu kan yaadatamanii fi dhalootaaf fakkeenyummaa gaarii kaa’anii kan darban akka ta’anis hubachuun danda’ameera.

Obbo Sintaayyoo Tolaa Sirni gadaa Oromoo sirna barnootaa keessa akka galuuf kitaabilee barnootaa qopheessuu irraa eegalee sadarkaa idil addunyaatti akka galmaa’uuf shoora olaanaa kan taasisanidha jechuun waahillaniifi maatiin isaanii dhugaa ba’uufi.

Obbo Sintaayyoo Tolaa nama bultii qabanii fi abbaa ijoollee 4 dhiira 3 fi dubara 1 turani.

Jaalallii Hayiluutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.