Fana: At a Speed of Life!

Sirni awwaalchaa Komiishinara poolisii naannoo Amaaraa duraanii Abarraa Addaamuu raawwate

Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Sirni awwaalchaa Komiishinara poolisii naannoo Amaaraa duraanii Abarraa Addaamuu Baahiir Daariitti raawwateera.

Sirna awwaalchichaarratti bakka hoggantoonni federaalaa fi naannoo, raayyaan ittisa  biyyaa, hoggantoonni olaanoo fi miseensoonni poolisii naannichaa, maatii fi firoottaan isaanii argamaniitti raawwateera.

Obbo Abarraa Addaamuun dhibee tasaatin Eebila 26, 2013 addunyaa kanarraa du’aan boqachuun isaanii ni yaadatama.

Komiishinarri poolisii naannoo Amaaraa duraanii Abarraa Addaamuu abbaa bultii fi abbaa ijoollee dhiiraa 2 akka turan ragaan komishiinii poolisii naannoo Amaaraarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.