Fana: At a Speed of Life!

Sirni awwaalchaa aadde Aggituu Guddataa boru ni raawwatama

Finfinnee, Amajjii 4, 2013 (FBC) – Sirni awwaalchaa aadde Aggituu Guddataa boru Pheexiroos Waphaawuloositti raawwatama jedhame.

Xaaliyaanitti ajjeefamuun reeffi ishee har’a gara biyyaa kan dhufe adde Aggituu Guddataa sirni awwaalcha ishee guyyaa boruu sa’aatii 6:00tti iddoo awwaalchaa Kaatolikii, Pheexiroos Waphaawuloos naannawa Jeneraal Wiingeetitti kan raawwatamu ta’uu qindeessaan sirna awwaalchaa, obbo Gammadaa Olaanaa himaniiru.

Ganama sa’aatii 3:00 hanga 4:00tti sirni kadhannaa mana amantaa Kaatolikii Jaakiroositti akka raawwatamuu fi sirni gaggeessaa ammoo sa’aatii 4:00 hanga 5:30tti bakka qondaaltonni mootummaa fi keessummoonni adda addaa argamanitti kan adeemsifamu ta’uus qindeessichi eeraniiru.

Finfinneetti dhalatanii kan guddatan aadde Aggituun waggaa 10 dura ture baqannaadhaan gara Xaaliyaanitti kan imalan.

Akkuma barnoota sadarkaa lammaaffaa xumuraniin carraa barnootaa argachuun Yuunvarsiitii Tirintiinoo qo’annoo saayinsii hawaasaatiin eebbifamaniiru.

Sana booda Ityoophiyaatti deebi’anii yeroo muraasaaf erga turanii booda bara 2010tti Xaaliyanitti deebi’anii koolugaltummaa gaafatan.

Saamicha lafaa dhaabbilee garaagaraatiin gaaggeeffamu waan mormaniif dorsifamuun akka biyyaa godaananiif sababa ture.

Aannan re’eerraa baaduu hojjechuuf yaadi kan dhufeefis Xaaliyaan erga galanii booda.

Jireenya baqannaa mo’achuuf bulchiinsa Tirintiinoo keessatti re’oota horsiisuun bu’aa aannan re’eetiin jireenya gaggeessuu erga eegalanii waggootni lakkaa’amaniiru.

Aadde Aggituun jiraattota naannichaa fi baqattoota biyyoota Afrikaarraa garasitti imalan biratti kabajaa fi beekamtii nama qabdu turan.

Maddi:-DhPI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.i

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.