Fana: At a Speed of Life!

Sirni Awwaalcha Obbo Baqqalaa Mullataa raawwate

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2016 (FBC)- Sirni Awwaalcha Hoji Gaggeessaa Duraanii Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet Obbo Baqqalaa Mullataa raawwateera.

Obbo Baqqalaan dhaabbilee miidiyaa garaagaraatti waggootaa hedduuf kan tajaajilan yoo ta’u, Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti Daayrektarra Olaanaa, Faanaa Biroodkaastiing Korporeetii fi Addis Miidiyaa Neetworkitti Hojii Gaggeessaa Olaanaa ta’uun tajaajilaniiru.

Bara 1963 Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Addisa Katamaatti kan dhalatan yoo ta’uu, umrii waggaa 53ffaa isaaniitti kaleessa addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

Sirni Awwalcha isaanis guyyaa har’aa raawwateera.

Obbo Baqqalaan abbaa ilma dhiiraa 1 fi ilmaan durbaa 3 turan.

Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet boqochuu isaaniif gadda itti dhaga’ame ibsaa, maatii, firoottanii fi hiriyoota isaanii maraaf jajjabina hawwa.

Tigisti Birhaaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.