Fana: At a Speed of Life!

Sirni Ardaa Jilaa Gumii Gaayoo 41ffaa gGodina Boorana aanaa Dhaasitti taa’amaa jira

Finfinnee, Qaammee 3, 2012 (FBC) –Sirni Ardaa Jilaa Gumii Gaayoo 41ffaa gGodina Boorana aanaa Dhaasitti taa’amaa jira.
 
Akka OBN gabaaseetti, Sirna kanarratti Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa, Afa-Yaa’ii Caffee Oromiyaa, aadde Loomii Badhoo, qondaaltonnii fi qoratonni aadaa garaagaraa argamaniiru.
 
Gumii Gaayyoorratti seera haaraatu tumama, seeronni dura ba’anii turan qoratamee yoo gaarii ta’e ittifufa, yoo hanqina qabaate ni jijjiirram.
 
Gumiin Gaayyoo kun torbee lamaaf gaggeeffama.
Sirna kanarratti rakkoolee jiran hundarratti ni mari’atama.
 
Seeroonni waggoota saddeettan darbaniif tajaajilan xinxaallamuun kan sirratuun irra jiraatu akka sirratu ni taasifama.
 
Murteewwan yaa’iin kun dabarsu guutummaan godinichatti hojiirra ni oolu.

Ardaawwan jilaa misoomuu qaban hunda misoomsuuf kan hojjetamu ta’uu obbo Shimallis dubbataniiru.

Barri haaraan kun bara nagaa, jaalalaa, Badhaadhinaa fi gammachuu akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.