Fana: At a Speed of Life!

Sirna soorataa fooyyessuu fi quucarummaa dhabamsiisuun bu’aa argamsiiseera-Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Hagayya 16, 2014 (FBC) – Naannawaa waraanaa fi naannawaa biyyattii haala rakkisaa keessatti argamanitti sirna soorataa fooyyessuu fi rakkoo quucarummaa hambisuuf tattaaffii mootumman taasise bu’aa jajjabeessaa argamsiisuu Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin eeran.

Gamaaggamni raawwii karoora bara 2014 hojiirra oolmaa “Waadaa Soqoxaa” bakka hoggantoonni olaanoo sadarkaa federaalaa fi naannoolee argamanitti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Obbo Dammaqaan akka ibsanitti, waggootaan darban sirnaa soorataa fi wabii nyaataa kan mirkaneessan sagantaaleen fooyya’iinsa diinagdee fiduu danda’an hojiirraa oolaniiru.

Addatti raawwiin “Waadaa Soqoxaa” boqonnaa sadiitti qoodamuun karoora waggoota 15 hojiirra oolchuuf, guddina hawaasummaa itti fufiinsa qabuu fi bu’a qabeessaa ta’an irratti bal’inaan hojjetamuu ibsaniiru.

Waadaan Soqoxaa hojiirraa akka ooluufis hojmanni qindaa’aan dhaabbilee sadarkaa federaalaa gidduu akka jiraatuu taasisuun bu’aa qbatamaa fiduuf bu’uuraa kan kaa’e ta’uu eeraniiru.

Hojmaanni qindaa’aan diriiruun rakkoo quucarummaa hambisuuf hojiileen hojjetaman bu’aa jajjabeessaa argamsiisuu eeraniiru.

Naannawaale biyyattii warraanaa fi haala rakkisaa keessatti argamaniitti, hojiin qindoominaan hojjetamuu cimee itti fufuu akka qabu Obbo Dammaqaan hubachiisaniiru.

Galmoota sagantaale biyyaa keessaa walfakkaataa milkeessuuf naannawaa hundaatti nageenya waaraa mirkaneessuun xiyyeeffannaa mootummaa ta’uu fi kutannoon hojiirraa kan ooluu ta’uu himuu ragaan Waajjira Ittaanaa Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.