Fana: At a Speed of Life!

Sirna Proojektii ijaarsa qindeessa ragaarratti mari’atame

Finfinnee, Eebila 24, 2012 (FBC) – Abbaan Alangaa waliigalaa FDRI fi Eejansiin Nageenya Neetwoorkii Odeeffannoo Sirna Proojektii ijaarsa qindeessa ragaarratti mari’ataniiru.
 
Hoggantoonni Abbaa Alangaa Waliigalaa fi Eejansii Nageenya Neetwoorkii Odeeffannoo(INSA) sirna Proojektii ijaarsa qindeessa ragaa biyyaalessaarratti mari’achuu isaanii himameera.
 
Proojaktiin kun teeknooloojiin deeggaramuun dhaabbileen Haqaa hojmaata fi itti gaafatamummaa isaanii seeraa fi sirnaan hawaasaaf sirna haqaa bu’aa qabeessa, si’ataa, baasii salphaa fi iftoomina qabu akka laataniif kan gargaaru ta’uu Haati Alangaa Waliigalaa FDRI aadde Adaanachi Abeebee Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.