Fana: At a Speed of Life!

Sirna odeeffannoo gabaan lammiilee kuma 53 oliif carraan hojii alaa uumamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 3, 2015 (FBC) – Sirna odeeffannoo gabaan lammiilee kuma 53 oliif carraan bobbii hojii alaa uumamuu Ministeerri Hojii fi Ogummaa beeksiise.

Ministeerrichi Hoggantoota, Diiniwwan Koollejjoota Ogummaa fi Teeknikaa fi qooda fudhattoota waliin leenjii fi waltajjii marii gaggeessaa jira.

Baatiwwan sadan darban Sirna odeeffannoo gabaan lammiilee kuma 53 oliif carraan bobbii hojii alaa uumamuu ibsameera.

Waliigalan bara baajataa 2015 keessa lammiilee kuma 105 ol ta’an karaa seeraan carraa hojii biyyoota alaatti akka argatan taasiifamuu mari’achaan ka’eera.

Erga sirni odeeffannoo Gabaa Ityoophiyaa diriiree as fedhiin biyyoota garaagaraa dhiyaachuu fi hanga ammaattis fedhiin hojii miiliyoona 2 dhiyaachuu eerameera.

Bara baajataa xumurame waliigalaan lammiilee miiliyoona 3.5f carraan hojii uumamuu ibsamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.