Fana: At a Speed of Life!

Sirna kaffaltii elektirooniksiin bittaa fi gurgurtaan boba’aa Birrii biiliyoona 71 olii gaggeeffame

Finfinnee, Adoolessa 14, 2015 (FBC)-Bara baajataa xumurameetti sirna kaffaltii elektirooniksiin bittaa fi gurgurtaan boba’aa Birrii biiliyoona 71 raawwatamuu Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii Ityoophiyaa beeksise.

Sirni bittaa fi gurgurtaa kunis hannaa fi qisaasaamaa boba’aa hir’isuun, dhiyeessiin akka dabalu taasisuu Abbaa Taayitichaatti Daayrektrarri Qorannoo fi Qo’annoo Sadarkaalee Galtee Bu’aalee Boba’aa Lammeessaa Tulluun dubbataniiru.

Teeknooloojicha dhiyeessuu fi gama fayyadamuun akkasumaas teeknoolojichaan alatti bittaa fi gurgurtaan raawwatamuun rakkoolee sirna hojiirraa ooleen walqabatanii mudatan ta’uu himaniiru.

Hojmaata seera qabeessaan alaa bittaa fi gurgurtaa kanneen raawwatan irratti tarkaanfiin fudhatamuu Obbo Lammeessan himaniiru.

Bara baajataa haaraattis daldala boba’aa guutummaatti teeknooloojiin kan deeggarame akka ta’uuf hojiin hordoffii fi to’annoo akka ciman kallattiin kaa’amuu akeekameera.

Bakkoota waliin gahiinsi neetiwoorkii hinjirreerraan kan hafe bittaa fi gurgurtaa gama elektirooniksiin raawwatamu sadarkaa biyyaalessaatti hojiirraa oolfamaa jiraachuu eeraniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.