Fana: At a Speed of Life!

Sirna kaffaltii bittaafi gurgurtaa boba’aa guutumaan guutuutti elektirooniksiin eegalamuuf ta’uu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015(FBC)- Sirna kaffaltii Bittaafi gurgurtaa boba’aa guutumaan guutuutti elektirooniksiin eegalamuuf ta’uu ibsameera.

Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksiifi Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa haala sirni kaffaltichaa itti eegaluufi adeemsa waliigalaarratti ibsa waloo kennaniiru.

Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaan, mootummaan sirna bittaafi gurgurtaa boba’aa ammayyeessuuf hojiilee foyya’iinsaa hedduu taasisuu ibsaniiru.

Kanaaf ammoo sababni gatiin boba’aa Ityoophiyaa gadi aanaa waan ta’eef kontiroobaandiin gara alaatti gurguramaa waan jiruuf ta’uu kaasaniiru.

Kana malees gatii boba’aa idil addunyaa waliin yoo walbira qabamu mootummaan walakkaan ol deeggarsa dhiyeessaa turuufi kunis dhiibbaa uumuu ibsaniiru.

Kaayyoon riifoormii boba’aa gatii boba’aa isa sirriitti fiduu, bittaafi gurgurtaa isaa akkasumas raabsaa isaa sirreessuu ta’uu dubbataniiru.

Sirna bittaafi gurgurtaa isaa diijitaala taasisuun qaama riifoormichaa isa guddaa ta’uu eeruun, hanga ammaatti buufataaleen boba’aa kumni 1fi 26 gara hojiimaata teeleebirriitti galuu ibsaniiru.

Yeroo dhiyootti kaffaltiin sirna bittaafi gurgurtaa gama elektirooniksiin kan taasifamu ta’uu eeruu isaanii TOI gabaaseera.

Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen gamasaaniin, dhiibbaa dhiyeessiin boba’aa damee geejjibaarratti fidu dandamachiisuuf mootummaan tarkaanfiiwwan hedduu fudhachuu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen gamasaaniin, dhiibbaa dhiyeessiin boba’aa damee geejjibaarratti fidu dandamachiisuuf mootummaan tarkaanfiiwwan hedduu fudhachuu ibsaniiru.

Sirni kaffaltiisaa guutumaan guutuutti diijitaala ta’uu dhabuun sirna deeggarsaa irratti rakkoo uumuufi to’annoofis rakkisaa ta’uu eeraniiru.

Rakkoo kana furuuf sirna kaffaltii bittaafi gurgurtaa boba’aa guutumaan guutuutti sirna kaffaltii elektirooniksiin raawwachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Gara sirna kaffaltii kanatti galuuf qophiileen xumuramaa jiraachuu eeraniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.