Fana: At a Speed of Life!

Sirna Gadaa:Gosee irraa hanga bu’uura diimokiraasii Addunyaatti

Finfinnee, Sadaasa 6, 2017 (FBC)- Sirni Gadaa Booranaa gosee keessatti jalqabe suutumma guddachuun bulchiinsaa uummataa fi bu’uura diimokiraasii addunyaa jechuun himan qorattoonni fi hayyoonni seena Booranaa.

Gadaan Booranaa adeemsaa hedduu keessaa darbuun akka hardha geette hayyoonni yaada nuuf qoodan kunneen himan.

Seenaa booranaa keessatti Sirna Gadaa Gosee Fooratti akka jalqabamettu himama.

Haa ta’uu malee bara kamiif gosee foora eennu akka taate waggoota hedduun dura bara sirni bareeffamaa hinjirree waan taatee fi qorannoo biraa gaafatti jedhan Barreessaa fi Qorataan Seenaa Obbo Jaatanii Diida.

Sirni Gadaa Gosee Fooraatti jalqabuun ammoo adeemsa jalqabaa akka ta’ettu himama.

Agarsiiftuun Sirni Gadaa Gosee Fooraatti akka jalqabee mullisaa tokkoo ammas taanaan baallii gosee ykn alatti kan walitti kennaniif kanumaafi jechuun raga ba’u.

Kun adeemsa jalqabaa jedhame yaamama.

Adeemsa Sirna Gadaa keessatti inni 2ffaan kan jedhan Obbo Jaataniin sirni gosee fooraattu jalqabee warratti galuun aadaa fi sirna uummanni ittiin bultu ta’e jedhama.

Haa ta’uu yeroo sunitti akka amma waggaa saddeettiin kan baallii walitti kennan sadarkaalee gadaa Raaba Kuusa qabaachuu adoo hintaane seera Gosee Fooraatti hojjatamutti warraa yookaan qa’eetti kan muraafi murtii qabuu hojirra oole jedhan.

Seera ijoolleen foora raggaasifteen namoota walyakkee akka adaban hayyoonni kun himaniiru.

Seerri kan hawaasni yeroo dheera akka ittiin walbulcha turanittu himama.

Kun ammoo adeemsaa lammaffa jedhame beekkama.

Adeemsa kana keessatti argaa dhageettii akka maqbaasa, gogeessaan waggaa saddeetti baallii walitti kennuun gara sirna gadaatti akka ijaarame himameera.

Sirni Gadaa Booranaa erga laakka’amu jalqabee ammoo gogeessaa lamaan Tuulamii fi Looloyii jedhamuun erga eegale as lakkaa’amuu jalqabee jedhama.

Sirni Gadaa Booranaa yeroo gogeessa lamaan bulu Abbaa Gadaa marsaa 22 akka lallabamettu himama.

Akka aadaa Booranaatti gadaa fi qaalluun waliin deemu jadhama.

Yeroo Boorannii gogeessaa Gadaa lamaan bulu Qaalluu Daaccituu, alchaayya fi maxxaarrii mana dada jedhamanittu jira jedhama.

Bara suni qaalluun lamaa fi gogeessaa gadaalleen akka lama ta’e himama.

Erga Abbaa Gadaa marsaa 22 lallabameen booda qaalluun duraan lama ture shan kan bira dhalachuun, qaalluun torba sababa ta’eef waggaa torbaa fi sirni akka irraa laafettu himama.

Qorataan fi Barreessaan Obboo Guyyoo Dooyyoo Sirni Gadaa yeroos sirnoota akka amantii faana laafe kaasan.

Keessumatti Warra Da’a kan jedhaman Abbooti Gadaa akka isiin aadaa itti hinfufsiifne laaffisan jedhan.

Kanaaf, Booranni yeroo sunii warra kana irratti akka tarkaanfii fudhate biyyaa keessaa baasuun yeruma suni Maqaa Wardaa akka baasefitti himama.

Akka Obbo Guyyoo himanitti sirnoota dubartiin hogganamu kanneen akka Akkoo Manooyyee fi Gadaa Booro jedhamani hundi haaromsa Gadaa Gadayyoo Galgalootiin dura jedha.

Ergaasi gogeessi Gadaa duraan lama ture gara torbaatti guddachuun marsaa sun keessatti Abbaa Gadaa yeroo torbaatama erga lallabeen booda ammas sirnichi deebi’e ciise.

Kanaaf kan sababa ta’ee ammoo qaalluun tokkoo waaree tokko akka goodhabsan jedhama.

Sirna Gadaa Booraana Gadayyoo Galgalooti asi Sirni Gadaa Booranaa kan ammaantana marsaa 71ffaa edachuun ji’oota muraasa booda marsaa 72ffaa jalqaban haaaromsaan booda jedhama.

Marsaan Gadayyoo asi tun osoo gogeessaa armaan dura kaan tokkollee hinlakkisin hardhaa geette jedhama.

Wanti kanneen armaan dura irraa addaa tolcha sirna jabaan walitti hidhamuun gogeessaa duraanis akka ofitti makatetu himama.

Akka barreeessaa fi qorataan Obboo Guyyoo Dooyyoo fi barreessaafi qorataan aadaa obboo jaatani Diida himanitti Erga Gadayyoo galgaloo Gadaa deebisee haaromseen booda wantoonni armaan duraa gadaan akka waartu ykn addaan cittu taasisaa maal jedhan walgaafachuun fala itti barbaadan jedhama.

Akkaa hayyoonni kunneen jedhanitti Sirna Gadaa Gadayyoo galgaloo irraa eegalee namni kamiyyuu sadarkaa dhalootaatiin walitti hidhuun akka gogeessii shanan walitti hinbuune tolchan jedhama.

Akka fakkeenyaatti akkumaa walhangafuun yeroo tokkoo sadarkaa Dabballee, kaan Gammee, gammee gugurddoo, kaan Kuusa, kaan sadarkaa Raaba irraa jiran jedhan.

Sababa kanaaf miseensi gadaa kamiyyuu erga dhalateyyuu hiriyyaa keessatti dhalatuu waan qabuuf namni kamiyyuu homa waliin hinqabu jedhan.

Gadayyoo Galgaloo as akka sirni gadaa boorana addaan cituu aggaamiin hedduun irratti raawwatamulle jajjabinnaa abbooti Gadaa armaan duraatiin hardhaa geette jechuun himan qorataan obboo guyyoo dooyyoo. Kanaaf gadaan aangoo adoo hin taane didha jechuun himan Obbo Guyyoo Dooyyoo.

Baannaattoo Galataa

Sirni Gadaa,dhaloota irraa eegalee kan keessatti guddatan waan ta’eef, abbaan gadaa sadarkaa ijoollumma irra ka’eetin lallaban kan jedhan hayyoonni kun adeemsi kun galataa fedhachu yookaan Baannattoo Galataa jedhama.

Guyyaa Abbaan Gadaa 71 Kuraa Jaarsoo baalli kenne irraa eegalee ilmaan abbaa gadaa booranaa 70ffaa Guyyoo Gobbaa galataa kan lallabaniidha.

Ilmaan Abbaa Gadaa Boorana 70ffaa Guyyoo Gobbaa Abbaa Gadaa Booranaa 75ffaa ilmaan isaaniif galataa fedhachuu erga guyyaa ilmaan Liiban Jaldeessaa kan ammaa sadarkaa kuusa irraa jirtu kan guyyaa Halakee Mallichaa kan abbaa gadaa 74ffaa fuuldura ta’uuf deemu kan lallaban irraa akka eegale himan.

Akka Obbo Jaatani Diida himanitti, adeemsa galataa barbaadu kan keessatti warri amman tana galata barbaadutti jiru, ilmaan Guyyoo jalqaba irratti Adulaa jaha nuu fuudha jechuun warraa gadaa  gaafatan.

Adula jaha naa fuudha jedha malee maqaa nama dhahuun hinjiru jedhan.

Hoggansaa fuulduraa fi biyyaa bulchuu diqqeenyuma irraa kaasan filuun aadaa keessatti guddachaa waan deemuuf barbaachisaadha jedhan hayyuun kun.

Akka Sirna Gadaa Booranaatti yeroo baannattoo galataa kan fuulduraaf biyya gaggeessuu yeroo fedhatan waan duraan hojjatteen madaalamte didha barbaadata malee, fuulduraaf waan kan isiif tolcha wanti jedhan hinjirtu.

Haa ta’uu malee Aadaa Gooroo jabeessuun murteessaadha.

Kanaaf Booranni aadaa irraa hinturan irraa hinbulan dadhaban hin dhiisan jedha.

Bara gadoomaa isaa kan gooroo jabeesse yoo ta’e bara ilmee isaa ammoo ani akkumaa duraani gooroo jabeessa biyyaa walqixaan ilaala kanaaf galataa naa fuudha jechuun fedhata jedhan hayyoonni.

Booranni yeroo baannattoo galataa kanatti namni galataa barbaadachuuf wanta inni baraa gadaa isaa ta’ee kanneen akka dhugaa irraa hingore kan uummataa ila tokkoon ilaalu ardaalee jila kan kunuunsu yoo ta’e galataa fuudhaafi jedhan.

Akkaa Obboo Guyyoo Dooyyoo irraa dhageennetti baannattoo galataa keessatti gammee iyyeetti jedhan ilma abbaan lubbuun hin jirree kan osoo galataa argachuu maluu sababaa biraatiif dhabuu danda’uu uummanni waliigalee akka galataa baannattuufi nutti himan.

Aadaa itti dhiyeennaan sirnicha irratti hirmaatan hubachuun barbaachisa akka ta’ee hayyoonni kun kan kaasan.

Gadaan Booranaa gosee fooraatti jalqabdee ciisa asi geettee haaromsaan boodaa marsaan 72’ssoo Guraandhala keessaa Baallii walitti kennamuu kanaaf sirnoonni hedduun itti fufiinsaan gaggeeffama jiru.

Kululaa Garbichaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.