Fana: At a Speed of Life!

Sirna Damaraa fi Irreecha qindeessuuf dargaggoonni kumni 16 ni bobbaafamu-Waldicha

Finfinnee, Fulbaana 9, 2017 (FBC)- Sirna Damaraa fi Irreecha qindeessuuf dargaggoonni tola ooltonni kumni 16 kan bobbaafaman ta’uu Waldaan Dargaggootaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Barreessaa Olaanaan Waldichaa Yihuunanyi Mahaammad, baatii Fulbaanaa sirna ho’aan kan kabajaman Irreechii fi Masqalli karaa nagaan akka kabajamaniif daraggoonni qindeessitoonni hedduun kan bobbaafaman ta’uu himaniiru.

Ayyaanonni lameen duudhaa isaanii eeggatanii sirna ho’an akka kabajamanii akka xumuraman daraggoonni gahee isaanii akka bahatan himuu TOI gabaaseera.

Sirna kabajaa ayyaanota kanneeniirratti keessummoota simachuu, qindeessuu fi keessummeessuuf waldichi dargaggoota kuma 16 bobbaasuuf qopheessuu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.