Fana: At a Speed of Life!

Sirna Daldala boba’aa Dijitaalawaan bittaa fi gurgurtaan Birrii biiliyoona 155 raawwatame

Finfinnee, Amajjii 27, 2016 (FBC)- Sirna Daldalaa boba’aa Dijitaalawaan bittaa fi gurgurtaa Birrii biiliyoona 155.4 raawwatamuu Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii beeksise.

Sirni daldalaa dijitaalawaan Ebla 2015 hojiirra ooluu erga eegalee, bittaa fi gurgurtaan boba’aa Birri biiliyoona 155.4 raawwatamuu kan eeran Daayrektarri Kominikeshinii Abbaa Taayitichaa Baqqalach Kumaan, sirni daldalaa damichaa dijitaalawaa ta’uurraan to’annoo kontirobaandii, qisaasama boba’aa hambisuu fi daldala saffisiisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisu himaniiru.

Ta’us, adeemsa daldala damichaarratti hanqinni akka mul’atu kaasaniiru.

Buufataalee boba’aa bittaa fi gurgurtaa boba’aa gama dijitaalawaan hintaasifne hordofuu fi hojii oodiitii gaggeessuun walitti hidhamiinsa boba’aa keessaa akka bahan kallattiin kaa’amuu dubbataniiru.

Biyyattiitti kan argaman buufataalee boba’aa kuma 1 fi 589 keessaa kumni 1 fi 469 bittaa fi gurgurtaa isaanii gama Teelee Birriin raawwachuu FBC’f ibsaniiru.

Masaafinti Iyyayyutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.