Fana: At a Speed of Life!

Sinoodosichi haasaa Preezdaanti Doonaald Tiraamp Hidha Haaromsaa ilaalchisuun taasisan balaaleffate

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2013 (FBC) – Sinoodosiin Mana Amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Ityoophiyaa Hidha Haaromsaa Guddichaa Ityoophiyaa ilaalchisuun ibsa laateera.

Ibsichaan haasaa Preezdaanti Doonaald Tiraamp Hidha Haaromsaa ilaalchisuun taasisan balaaleffateera.

Sinoodisichi rakkinoota mudataniif tokkummaadhaan yoo dhaabbannee wanti humna keenyaa ol ta’e akka hin jirree fi qaamni guddina Ityoophiyaa hin jaallanne akka of qusatu beekiseera.

Ummanni deeggarsa taasisuun ijaarsi hidhichaa raawwatama kan jiu ta’uu eeruun, waggoota sadi booddee xumurarra akka ga’uuf abdii kan irra kaa’ate ta’uu ibseera.

Wayita ummanni mallaqa, humnaa fi oogummaa isaan deeggarsa haasaa preezdaanti Doonaald Tiraamp dhimma Ityoophiyaarratti gidduu galuun hidhaa haaromsaarratti ergaa isaan dabarsan sinoodosichi balaaleffateera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.